Dhaggeeffattee laataa maaloo Gugeen keenyaa. Beekantu akkas godhee natti kaasee Gugee. Simbirroon dhokattuun maqaanshee jibbame mormi jalli diimaa Magariisa uffattee odaan faayamteetu labsii nagaa himaa.ĭheebuu cimaan qabaam beekuuf argamakoo Si eegaanoo jiraa yoom dhuftaa Gugeekoo? Dhugaadha nan fayyee aannanuman dhugee Maalin dubbiseeree Akka harma haadhaan itti jedhe luugee…. Gugeen yoomuma dhufti faajii bilisummaa ciniintee baadhattee Ijoolleen kee marti dhufaatiikee dhaggeefatu gurri dhadhaabbatee! Qalbii cabe suphuuf kutannoon hojjettee Ilbiisota mara boollatti ukkaamsitee kaanis injifattee. Cirriin saawwan keenya ittuma ejjettee dhiiga isaanii xuuxxu Warreen nuguggubdu nurraan galagaltuu ykn nurraa hincittuu? Jetteetu gugeenkoo gugeen miilla calii dubbatti gaararraa Dhufunshee dirqama faajjii fannifattee teessee adda leencaarraa. Simbirri daaloteen gamanaa fooriccee nagaa booressitee Oduu hololaafi isa madda hinqabne walitti odeessitee. Lukkuun jinnii kaatee isheen jibbisiistuun ilma namaaf diinaa Huummoon raqa nyaattuu ilbisa bosonaa hundumashee beeknaa. Risaafi ruumuichi Joobirris kaateetuu garaa Waaqaa keessa Cabsee alanfatee balleessuu barbaadee gayyaafatee qeensaa. Qubee Afaan Oromoo sadarkaa 1ffaa, sadarkaa 2ffaa hamma 5ffaa fi kaanis hedduu hedduutu jira. Kana yeroon ergu kitaabni ijoolleen dirree turan waggaa 35 dura ittiin barachaa turan kana qofa jechuu osoo hin taane hedduu hedduu dha. Kitaabotii ABOn ittiin barsiisaa ture hedduu hedduu dha.
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |